Calluma Jedheen Si Eeggadha

From WikiMezmur: Mezmur Lyrics
Revision as of 06:12, 25 April 2014 by Ade (talk | contribs) (አዲስ ገጽ ፈጠረ፦ « {{Classic |ርዕስ= |Title=Calluma Jedheen Si Eeggadha |ቋንቋ=ኦሮምኛ |Language=Oromiffa |Lyrics=<poem> Calluma jedheen si eeggadha ...»)
(diff) ← Older revision | Latest revision (diff) | Newer revision → (diff)
Jump to navigation Jump to search

         Calluma jedheen si eeggadha
         Eebba kee lalaasi yaa YESUS ana irratti
         Lubbuu koo isa goge adaraa naa jiisi
         Dheebuu jireenya koo Hafuura keen quubsi

Jidhe akka lalisuuf gogiin jireenya koo
Waaqa irraa natti roobsi eebba kee Gooftaa koo
Siin akkan biqile siin akkan guddadhuuf
Kenna kee natti roobsi ija akkan godhadhuuf

         Calluma jedheen si eeggadha
         Eebba kee lalaasi yaa YESUS ana irratti
         Lubbuu koo isa goge adaraa naa jiisi
         Dheebuu jireenya koo Hafuura keen quubsi

Harka koo bal'isee kunoo sin eeggadha
Eebba kee isa gaarii argachuuf nan fedha
Akka na mil'attuuf adaraa sin kadha
Mucaa kee yaadadhu Gooftaa ato gaarii dha

          Calluma jedheen si eeggadha
         Eebba kee lalaasi yaa YESUS ana irratti
         Lubbuu koo isa goge adaraa naa jiisi
         Dheebuu jireenya koo Hafuura keen quubsi

Qoramsa foon kootii Maqaa keetiin mo'ee
Jiraachuu nan hawwa Gooftaa si fakka dhee
Siif akkan jiraa dhuuf Hafuuraan guddadhee
Kottuu na haaressi garaa koo jijjiirtee

         Calluma jedheen si eeggadha
         Eebba kee lalaasi yaa YESUS ana irratti
         Lubbuu koo isa goge adaraa naa jiisi
         Dheebuu jireenya koo Hafuura keen quubsi