Haleluya nan jedha
ksd, Haleluya x 2
Nan jedhaa yeroo hundumaa,
keessa kootii burqaa x 2
Qomoo jiraataa, gidduun dhaabadhaa
Dhaala qulqullootaa, darbeen hirmadhaa
Aboo mucummaakoottani, gargaaramaa
Akka kanaan duraa, hinta’u orma
( Keessa-deebii )
marga lalisaatti, baasee na bobbaasaa
bishaan taliilaan, dheebuu nabaasaa
maaddii tolootaa, nyaadheen gabbadhee
galatni Waaqa koo, anarra ba’ee
( keessa-deebii )
mucaa dheekkamsaa, ta’ee utuun jiruu
fedha namummaa kootiin, utuun oofamuu
waameetu kansaa, anaan godhatee
bantii Waaqaa keessaa, iddoo naaf laatee
( keessa-deebii )
Waaqayyo Abbaa dhaaf, galatni hata’uu
Waaqayyo Ilmaaf, ulfinni hata’uu
Hafuura Qulqulluu dhaaf, Sadan Waaqa tokkoo